Oromo Self-help Refugee Association (OSRA-Egypt)
Waldaya Wal-gargaarsa Baqattoota Oromoo Biyya Masrii

Click here to edit subtitle

  • Mallattoo Waldaya Baqattoota Oromoo Biyya Masrii
    Mallattoo Waldaya Baqattoota Oromoo Biyya Masrii
  • Honoring Dr. Trevor Trueman During his visit to OSRA center on 26 May 2013
    Honoring Dr. Trevor Trueman During his visit to OSRA center on 26 May 2013
  • Oromo Refugees in Egypt demonstrating in front of the UNHCR office in Cairo (09/06/2013)
    Oromo Refugees in Egypt demonstrating in front of the UNHCR office in Cairo (09/06/2013)
  • Oromo Refugees 4th day of demonstration in front of the UNHCR Cairo
    Oromo Refugees 4th day of demonstration in front of the UNHCR Cairo
  • Picture El Masry El Youm on (12/06/2013) displaying Oromo refugees staying in front of the UNHCR office in Egypt
    Picture El Masry El Youm on (12/06/2013) displaying Oromo refugees staying in front of the UNHCR office in Egypt
  • Oromo refugees colorful unity in front of the UNHCR Cairo
    Oromo refugees colorful unity in front of the UNHCR Cairo
  • UNITY of Oromo Refugees in Egypt under their OLF flag for common reason and common goal.
    UNITY of Oromo Refugees in Egypt under their OLF flag for common reason and common goal.
  • A pharmacist giving emergency medical assistance for Oromo protesters in front of UNHCR Cairo
    A pharmacist giving emergency medical assistance for Oromo protesters in front of UNHCR Cairo
  • Abdi Obsa survived knife attack on 06 July 2013 in front of the UNHCR Cairo
    Abdi Obsa survived knife attack on 06 July 2013 in front of the UNHCR Cairo
Mallattoo Waldaya Baqattoota Oromoo Biyya Masrii
Mallattoo Waldaya Baqattoota Oromoo Biyya Masrii

Maaddii Seenaa


Hundee rakkoo keenyaa fi, haala qabtamaa yaroo

Kutaa 6ffaa


Seenaa Keessaa” Mootii Abbaa Jifaa''


Seenaan sochii addaan hin cinne tahuu waliin ,yaroo hundumaa seenaa waa,tu seenaa taasisaan waan mormii qabu miti ,seenaa tokko akka seenaa himuu ,barreessuu fi dhalootni walii kan dabarsu dandayu waa sadeen seenaa seenaa taasisaniin jechuun ( bakka ,bara fi humnoota keessatti argamaniin ) wal qabatee tahuu qaba ,argama keessatti seenaa dha ,jedhamee yoo kan himu ta,e ( bara akkanaa bakka akkanaatti ,wanni akknaa abaluun hojjatame )kan hin jedhamne hin jiru .


Guutuu isaa mata-duree MAADDII SEENAA jedhu jalatti dubbisaa


Seenaa Waldayaa/About us


Seensa

Akkuma beekkamu lakkoofsi ummata Itiyoophiyaa yeroo ammaa tana Miliyoona 80- ol akka tahu ragaaleen jiran nimirkaneessan, kana keessaa Milyoonni 45 ol kanta’u ummata oromooti, haata’u malee bara mootummaa Minilik irraa eegalee ummanni oromoo hacuuccaa sirna gittaa mootummoota Amaaraa jalatti kufuudhaan, roorroon adda addaa irra gahaa ture ,ammallee roorroon hammana hindhamne ,mootummaa Wayyaaneetiin irra gahaa jira. kanaaf jecha ummanni oromoo lakkoofsi isaa hangana hin je’amne lubbuu isaanii baraaruudhaaf jecha biyya isaanii tan akkaan jaalatan dhiisanii biyyoota olla kan akka;-Somalia, Jibuutii, Su’uudii, Yeman, Keeniyaa fi gara biyya Masriitti baqataa turan,ammallee baqataa jiran.

Waldayni Oromoo Biyya Masrii yoom dhaabbate/ ijaarame?

Waldayni Oromoo Biyya Msrii akka sadarkaa waldayaatti guddatee tarree waldayoota biyyoota adda addaa kan mootummaa biyya Masrii jalatti galmaa’an keessaa isa tokkoo fi beekkamaa ta’e kuni ka’uumsi isaa akka waldayaatti osoo hinta’in akka Afooshaatti namoota muraasaani kan inni jalaqabe. Yeroon akka Afooshaatti jalaqabes Gurraandhala.2004 keessa ture.

Kaayyoon inni Jal-qabaa

Yeroo jalqabaa kaayyoon jaarmayni kun ijaarameef guyyaa itti Oromoonni walgahanii yaada isaanii waljirjjiiran jedhameeti. Torbaan lama lamatti baqattoonni Oromoo kan Kaayroo keessa jiraatan walgahuudhaan Afaan Oromootiin haasawanii, taphatanii akka itti gamadaniif (bashananiif) ture.

Teessoo jalqabaa wal’ga’anii haasawanii, taphatanii bashanananii erga geggeessan booda tessoo lammaffaa irratti namoota muraasa waan dabalataniif yaadonni haarawni burquu jal-qaban.

Afooshaa(jaarmaya) kana yeroo jalqabaatiif eenyuuttu jalqabe?

Yaanni Afooshaa dhaabuu(hundeessuu)kuni kan burqe baqattoota Oromoo muraasa hawwii Afaan Oromoo guddisuu qabaniin ture. Sabboontotni armaan gaditti ibsaman kunneen jalqabaa fi hundeeffama waldaya oromoo ar’a sadarkaa ar’aa gaheef bu’uura guddaa kaayanii turan. Isaanis;-

Abdusalaam Usmaan (Yeroo ammaa USA kanjiraatu)

Jafar Sa’iid (yeroo ammaa kan Australia Jiraatu)

Bushraa Abdurahmaan (Yeroo amma Australia kan jiraatu)

Abdusamad Sheekaa (Yeroo amma Australia kan jiraatu)

Jamaal Abdusattaar (Yeroo amma Kanadaa kan jiraatu).

Afooshaan kun essatti jalqabame?

Yeroo duraatiif Afooshaan kun kan jalqabame mana sabboonaa Oromoo Abdusalaam Usmaanitti ture. Yeroo muraasaaf teessoon Afooshaa kanaa manuma isaatti ergaa taa’amaa turte booda sodaa yeroo san ture irraa kan ka’e yaada miseensonni tokko tokko dhiyeessan xiyeefannaa keessa galchuudhaan, akka mana miseensota hafaniittis marsaadhaan taa’amuu aka qabu murteeffame. Sana booda marsaadhan iddoo adda addaatti yeroo dheeraaf taa’amaa ture.

Sababni inni guddaan akkana godhameef sodaa warra nagaya eeysiftoota Masrii(Egypt securities)irraa qabanii fi heerri biyya Masriillee hayymaan ala namni kamiyyuu akka walgahuu hin danddeenye waan dhorguuf ture.

Koree Jalqabaa(koree yeroodhaa)

Koreen yeroo kanaaf filataman kunniin koree yeroodhaaf kaa’amanii turan. Sabani isaas yeroo muraasa booda yaada miseensota irraa maddeen Afooshaa irraa gara waldayaatti akka guddatu yaanni jedhu waan burqeef koreen tunis hanga koreen dhaabbataan waldayichaaf filamutti koree yeroodhaa(koree cehuumsaa) ta’anii tajaajilaa turan.

Haata’u malee filmaanni akka ji’a jaha jahaan gaggeeffamuu qabu irratti walii galameet ture.

Koreen jalqabaaf filataman bara 2004, ji’a 8ffaa keessa ture

1, Itti gaafatamaan-Kamal Musxafaa

2, Itti aanaan –Abdusalaam Usmaan

3,Qabduun maallaqaa-Juusii Odaa

4,I/G aadaa fi seenaa-Musxafaa Ahmad

5,Barreessaa—Muhammad Umar

6, Itti gaafatamaa Qunnamtii alaa-Badri Abdullaahi Ganamoo

Ji’a 6 booda, bara 2005,ji’a 2ffaa koreen fooyya’ee filatamaniit turan maqaa koree yeroo san kaa’amanii

Koreen yereoodhaa kaayamtulee,yeroo muraasa booda waldayichi jajjabaataa dhufuudhaan koree dhabbataa yeroo jalqabaatiif filatuudhaan sochii itti fufe.

Maqaan koree yeroo 2ffaa bara 2005 keessa filataman

Dura taa’aa: Kamaal Musxafaa(Yaaqub Abdilatif)

Itti aanaa: Jaafar Sa’iid

Barreessaa: Muhammad Umar

Qabduu mallaqaa: Biyyaa Abbaa Joobir

Ittigaafatamaa Adaafi Baruumsaa: Musxafaa Ahmad

Qunnamtii Alaa: Abdulqaadir Gumii

Gahee koreen kun raawwate

Yeroo jal-qabaatiif muummee Univarsitii Ameerikaa Kaayroo keessatti STAR jedhamuun qarqaaramuudhaan ayyaan guyyaa Baqattoota addunyaa kan Waxabajjii 20,2005 kabajame sababeeffachuudhaan baqattoonni Oromoo Kaayroo keessa jiran irratti hirmaatuudhaan uffata Aadaa Oromoo uffatanii sirbuudhaan yeroo jalqabaatiif sadarkaa waltajjiitiin gahanii jiru.Warreen huccuu aada uffattanii yeroo jalqabaatiif waltajjii irratti aadaa oromoo dirree baasanii agarsiisan keessaa muraasni;-

1,Adde Roozaa Umar

2,Adde Najaat Umar

3,Qabuulaa Yuusuf

4,Biiftuu Ahmad

5, Juusii Odaa

6,Jaalannee Waadoo

7,Tiyyaa Waaqayyoo.......fi kan hafanis jiru seenaan hindagattu.

Fulbaan 5, 2005 rakkoolee baqattoota Oromoo barreesuudhaan gara qaamota mirga Dhala namaatiif dhabbatan kan akka, UNHCR, Amnesty international, Human rights watch, Embaasiilee Ameerikaa, Kanadaa fi Australiyaa kan kaayroo keessa jiranittis iyyannoo galchuudhaan rakkoolee baqattoota Oromoo furuudhaaf trakaanfii jal-qabaa eegalan. Sana booda yeroo duraatiif qaama UNHCR kaayroo wajjiin taa’anii waa’ee dhimma baqattoota Oromoo dubbatuus jal-qaban.

Baruma kana keessa e-maila maqaa waldayichaatiin baasuudhaan qaamota adda addaatiin walqunnamuun jalqabamee hamma ammaattis itti fufuudhaan sadarkaa irra ture kanarra gahee jira.

Tattaaffiilee koreetiif namootini gariin dhuunfaadhaa godhaniin iddoo walgahii mana mana miseensotaa irra marsaa dhaan deddeemanii walitti dhufanii taa’uun hafee nama dhuunfaa lammii Masrii irraa viillaan kennameefii walgahiin achitti taa’amuun jalqabe.

Namni Viillaa jireenyaa kana Hawaasa kenne kun ilma qabsaawaa Afrikkaa lammii Gaanaa kan ture Kuwaame Nukruumaati. Maqaan isaas Jamaal Nukruumaa Jedhamuun beekama. Carraa kanatti fayyadamuudhaan Obbo Jamaal Nukruumaa kan adeemsa qabsoo keenyaa keessatti gargaarsa kana hin jedhamne nuuf godhuudhaan nu gargaare gallanni isaa dacha haata’u jenna.

Achi booda obbo Muhammad Abdughaffaar kan jedhamu dhalataa Masrii kan ta’e waajjira’’ Afrikaa society’’kan Zamaalik dhaabbatutti ummata oromoo achitti dhiyeessee akka isaan wal’gahan kan godhe isa.

Namni kun ummata oromoo hawaasa Masriitiin wal barsiisuu keessatti tattaaffii cimtuu godheet ture,ummanni oromoo aadaa isaanii fi rakkina isaanii iddoo adda addaatti hawaasa biyya Masriitiif akka beeysisan haala guddaa mijjeesseefii ture.

Sochiilee gurguddaan koreen dabarte godhaa turte

Hayyama booda jijjiiramni argame maali?

· Sodaa takka malee walgahii bal'innaan adeemsisuu

· Yeero duraatiif chappan ykn Sumudni maqaa waldaya misooma ilmaan oromo jedhuun baafamuu

· Ammas yeeroo duraatiif kardiin eennummaa ( ID) miseensotaaf qophawee hala gammachuutiin hawaastichi fudhate

· Waltajjii gara garaa irraatti akka qaama seera qabuu tokkotti kabajaadhaan waamamuu itti hirmaachuu

· jaarmayoota dhimma baqataa hordofan wajjiin walbaruu

· tajaajilli hawaasichaa babal’achaa dhufuu, keessattuu sagantaan barnootaa kan akka afaan Oromoo,Engilizii fi Arabaa. Akkasuma sagantaa addaa kan akka Oromoof- Oromiyaa , odeeffannoo torbee , haala oo'aan itti fufaa jira.

· Yeeroo duraatiif sanduqni Posta maqaa walda'ichaatin banachuu.

· Kan durii daran hirmaannaa fi jaalalli ummanni waldayaaf qabu jabaachuu fii dagaagu itti fufe.

Oromoon Kaayroo haala addaa qabanii?

Akka seenaattii akka dhageenye yoo ta'e waldaya kana dura waldayni kan biraa amma dura yeeroo hedduu akka ijaaramee diigame nihimama. Maaf diigame gaafii jedhuuf yoo deebisaa dhabnes garuu keenya kan ammaa kun maaf hin diigamin gaafii jedhu deebisuu hin dadhabnu.garuu waldyni hawaasa oromoo Biyya Masrii yeroo ammaa tana diigamuu baatullee hiddaan sosso’eet jira, rakkina adda addaa uumame kanaaf hamma danda’ametti furmaata itti kennuudhaaf tattaaffiin cimtuun godhamaat tutre.kanaaf jecha hawaasni Oromoo Biyya masrii keessa jiraatan rakkoo takka malee jaalalaan waliin jiraataa turan.

Haata’u malee yeroo ammaan tanaa rakkoon Hawaasa oromoo kaayroo jiddutti uumamte waldhabbii adeemsaa koree waldayaa jiddutti uumamterraa kan ka’e sadarkaa fokkisaa kanarra gaheet jira,yeroo tokko tokko ‘’arrabaa fi ilkreen waldhahan’’akkuma jedhamu, fedhiin hawaasa oromoo kaayroo ;yaada amantii,kutaa fi shanyummaan walqooduu hallayatti gatee,filannaa dimokraatawaa gaggeeffatee jaalalaa fi tokkummaa cimtuu dhaan waliin jiraachuun fedhii hawaasaa guddooodha.

Osoo kuni kanaan jiruu filmaata akka meeshaatti itti gargaaramuun Ummata Oromoo kabajaa fi jaaalalaan wajjin jiraataa ture kan addaan facaasuuf namoonni qubaan lakkaawaman yaalaa turan yaadni diiggaa inni ittiin deemaa ture yeroo ammaa fashalee Ummanni bakka dhugaan jirtu baree yeroo ammaa kana haalaa gaariin waliin jiraataa jira.

Walumaagalatti misoonsonni waldaya oromoo kaayroo kan bara2004 tti lakkoofsaan hanga nama 30 qofa ture yeroo ammaa tana gara nama 400-500 nitahan,ammaallee baqattoonni Oromoo baay’een guyyaa guyyatti gara biyya tanaa baqataa jiran.kanaaf jecha tokummaa fi jaalalli jiraachuun dirqama ta’a.kana godhuuf filmaanni dimokraatawaan gaggeeffamuun dirqama.



MAADDII SEENAA


Hundee rakkoo keenyaa fi, haala qabtamaa yaroo

Kutaa 5ffaa


Barreeffama “Hundee rakkoo keenyaa fi, haala qabtamaa yaroo “ Waldaan Baqattoota Oromoo Biyya Masrii kaluu kana xurree qunnamtii hawaasaa hedduu keessaan dabarsu irratti gaafiin hordoftoota keenya hedduu irraa nutti ergamte” adeemsa keessa yaroo hedduu waa,ee Habashaa kaaftanii jirtu ! akkasumas waa,ee ummata Kuush ! ,yaroo hedduu ammoo biyyoota dhihaa nuti Oromoon keessatti jiraannu keessatti mormiin jiru , Itoophiyaa akka biyyaatti lagatuuf fi nama Itoophiyaa jibbuudhaan,inni kun Habashaa ! kan namaan jedhu Oromoo fi Ertraa dha , kun kan taheefis akka seenaa wal beekuuf utuun taane akka siyaasaa wal fooyuu fi kaayyoo fottoqaa bakkaan gayuufi “ waan jedhamuuf ,akka seenaa wal beekuuf kan jedhu sana jala muruuf ,utuu tan biraatti hin tarkaanfanne ,Habashaan eenyuu ? ummanni Kuush hoo ? waan dandayame nuu gumaachaa “ waan jedhaniif ,hamma tokko gabaabsinee adeemsa keessa kaafne malee ,kaayyoon barreeffama keenyaa hundee rakkoo keenyaa irratti waan taheef ,dhimma seenaa bal,inaan kaasuu yaroof bulfannee waan adeemsa keessa kaafneef fi ,garaagarummaa Kuush fi Habashaa ,ragaa seenaatti akeeknee dhimmaa keenyatti deebina.....


Guutuu isaa mata-duree MAADDII SEENAA jedhu jalatti dubbisaa

MAADDII SEENAA


Hundee rakkoo keenyaa fi, haala qabtamaa yaroo

Kutaa 2ffaa


Biyya Masriitti baqatuun seenaa keessatti kan eegale dhaloota dura BARA 1800 Nabi Ibraahiim ( Abrahaam ) irraa yoo eegalu ,ittii aansee ilmaan ilma isaa Yishaaq ,Yaaquub fi Yuusuf ilma isaatiin harkifamee ilmaan ilmaanii Joolleen Israel ( Banii Israell ) dhaloota dura toora BARA 1700 irraa kaasanii hamma dhaloota dura toora BARA 1300 waggoota 400 biyya kana qubatanii eega turan boodaa sababii wal dhabbii amantiin wal qabateen Muusaa (Muse ) waliin biyyaa kanaa bahuun seenaa uf dandaye ture .......

Mata-duree MAADDII SEENAA jedhu jalatti guutuu isaa dubbisaa....

KAAYYOO WALDAYICHAA

The Oromo Self-help Refugee Association (OSRA-Egypt)

Kaayyoon Waldaya kanaa baqattootaa fi ilmaan Oromoo biyya Masrii keessa jiraatan ija tokkoon tajaajiluudha. Ilmaan Oromoo biyya Ormaatti dhalatanii fi carraa argatanii seenaa fi aadaa biyyaa fi lammii isaani barachuuf carraa hin argatiniif barumsa seenaa fi Afaan Oromoo akkasuma qophiilee agarsiisa aadaa qopheessuudhaan ilmaqan Oromoo barsiisuu fi bashannansiisuudha. Kanatti dabalees, barumsa afaan Arabaatii fi afaan Ingiliffaa barsiisuun akka baqattoonni Oromoo jiruu fi jireenya isaanii ittiin fooyyeffatan gochuu irra dabree qajeelfama adda addaa miseensota haarawaaf kennuudhaan akka isaan aadaa biyyattiin walbaran simachuunis kaayyoo waldaya kanaati. Haala naannoo fi biyya keenya Oromiyaa keessatti deemaa jirus miidhaa mootummaan Ioophiyaa lammii Oromoo irraan gahaa jiru qaamolee mirga dhala namaatiif dhaabatan adda addaatii fi waajjira UNHCRiitiif yeroo yeroon gabaasa kennunis kaayyoo waldaya kanaa keessaa isa hangafaati. Haala yeroo dhiyoo asitti bal'inaan baqattoota Oromoo humnaan gara dabarsuun gara naanoo Siinaa geessanii maallaqa guddaa itti qabatanii fi yoo kan hin kaffallee taate meeshaa qaama namaa keessaa baafachuun lubbuu ilmaan oromoo gaaga'aa jiranis qaamolee adda addaatti beeksisuun tattaaffii damdamachiisuu godhuunis kaayyoo waldaya kanaati.

Walumaa galatti Waldayni Oromo Biyya Masii Mirgaa Baqattoota Oromootiif falmuuf kan dhaabbateefi tajaajila gosa adda addaa kennuuf kan ijaarame ta'uu ilmaan Oromoo Biyya keessa fi Biyya alaa jiran hubachiisaa rakkoo ilmaan Oromoo irra gahaa jiru qaamolee dhimmi ilaalutti hubachiisuu irratti akka nu waliin dhaabbattan waamicha isinii goona.

Waldaya Oromoo Biyya Masrii.


Hundee rakkoo keenyaa fi, haala qabtamaa yaroo
Kutaa 3ffaa

Dambaliin baqataa Oromoo gara biyya Masrii bara dabre 2014 kan biraan kan wal hin fakkaanne tahuun waan wal nama gaafachiisu miti ,akkasumas eenyummaan baqattoota kanaa keessa deemnee yoo ilaalle bifa walii gala ummata Oromoo ,Kutaalee hundaa Magaalaaf Baadiyaa Oromiyaa irraa ,umrii joollummaa waggaa tokkoo gadi irraa kaasee dubartii ulfaa ,haawwota umriin turan ,abbootii gandaa silaa kabajaan biyya isaaniitti sooramuu qaban ,shamarran fi dardaroota lafaa dhufaa jiran ,haawwolee joollee hedduu guddisantu keessatti argama .
Kana malee sdarkaa barmootaa fi hujii ogummaa heduu keessatti kan leenjian ,barattoota Universiitii fi barsiiftota sadrkaa guddaatti biyya fayydan ,Artistoota Oromoo beekkamoo fi jaallan qabsoon Oromoo gatii guddaa gaafatte uf keessaa yoo qabaatu ,adeemsi isaa madaalliin torbaanirraa Magaalaan Kaayroo baqataa Oromoo 50 yoo keessummeessitu dhuma bara 2013 irraa eegalee yoo xinnaate Oromoon 3000 caalu baatii 18 dabran keessa Kaayroo galanii jiraachuu asumaa xiinxaluu caalaa ,haala Waxabajjii bara 2013 tureen wal cinaatti yoo shallagamu ,harka hedduun dachaa dabaluu argina ......


Mata-duree MAADDII SEENAA jedhu jalatti guutuu isaa dubbisaa....

Teessoo / Contact us


Name of the Association: Oromo Self-help Refugee Association (OSRA – Egypt)

Registration Number: 7832/2010

Established by Oromo Refugees Activists: Since 2004

Office Address: 11 Mohamed Mubarak Street, Off Hassenein Dusuki Street, Hadayik el Maadi, Cairo-Egypt 

Nearest Metro Station: Hadayik el Maadi Metro Station

Conatcts: Chairman: Elemo Awal,   Tel: 01143738619

General Secretary: Mohammedaman Hussen, Tel: 01126676963

E-mail: oromocairo_refugeecommuity@yahoo.com / orococa@yahoo.com

Website: www.osra-egypt.webs.com

Post Office Box: 553, Postal Code 11728, Cairo - Egypt