Oromo Self-help Refugee Association (OSRA-Egypt)
Waldaya Wal-gargaarsa Baqattoota Oromoo Biyya Masrii

Click here to edit subtitle

Maaddii seenaa


Seenaa  G/Waaqoo Guutuu


Kutaa 1ffaa



Jeneral Waaqoo Guutuu abbaa isanii Guutuu Usuu fi haadha isaanii aadde Qullo Alii Hasan irraa akka lakkoofsa Awurooppaatti bara 1924 tti aanaa Madda Walaabuu lafa Odaa jedhamtutti dhalatan. Gen. Waaqoo Guutuu warra guddaa ilmaan hedduu qaban irraa dhalatan. Abbaan isaanii Guutuun dhiira 10 fi dubartii 9 wolumaa galatti ilmaan19 horan.Generaal Waaqoo Guutuu dubartii7 irraa ijoollee 49 ka argatan yoo ta'u, kana keessaa 15 lubbuun hinjiran. Gen. Waaqoo Guutuu ilmaan34 haawwota wajjiin uf duubattidhiisan.Generaal Waaqoo Guutuu Usuu akka Aadaa naannawaatti horii, gaala kkf horachuun, gaagura hidhachuun sirna kaayoo Oromo guututti qooda keessatti qabaataa guddatan. Generaal Waaqoo Guutuu Usuu akka lafaa dhufaa yarootti qondaala biyyi herregatu fi abdatu ta'uu isaanii ijoolummaan argisiisaa guddatan.Generaal Waaqo Guutuu daa'imummaa isaanii irraa jalqabanii nama irree qabu, nama xiiqii fi jibbansa diinaa qabu turan. Ganna 14'tti osoo abbaan isaanii hin beeyne horii gurguranii qawwee jalqabaa bitatan. Bara dargagummaa isaanii ummanni diina jala akka hin deemne gorsuuf ijoollee gurmeessuun poolisa mootummaa tumuu turan.Akkuma guddataa deemaniin jibinsi diinaaf qaban itti guddataa dhufuun baalabbaatummaa naannoo isaanii harkaa qabaataa kan turanobboleessa isaanii ka hangafaa Camarrii Guutuu Amaara biyyarraa dhoorguu hin dandeenne jechuudhaan itti qoxxisuun baalabatummaa irreenirraa fudhatan. Haa ta'uu malee ganna tokkoof erga hojjataniin booda abbaan isaanii Guutuu Usuu hangafa isaanii irraa fudhachuun seera akka hin taanegorsanii baalabaatummaa irraa fuudhanii Camarriif deebisan.Ganna 34 tti namootii biraa wajjiin dirqamni naannawa ofii tiiksuu itti kenname. Naannawa bara 1960 irraa qabee nama waa'ee ummataa keessatti bakka qabu ta'utti hojii isaaniitiin of mirkanneessan. Isaanii haala kanaan jiraatu haalli naannawa kanaa jijjiiramaa dhufe. Haga gaafa ergaan Rabbii itti dhufteetti waggaa 45 guutuu Qbasoo Bilisummaa Oromiyaa hoogganuun jireenna isaanii dabarsan.Mootummaan Ingiliizii Hayla Sillaasee baqarraa deebiftee aangoo itti kennite. Ummanni naannoo kanaa bara Xaaliyaanii Xaaliyaanii woliin waan dhaabateef Hayla Sillaaseen gadoo itti bayuu eegale. Miidhaa Mootummaan Abashaa ummatarra geessaa ture keessaa inni guddaan ummata Oromoo lafarraa buqqisuu ture. Haalli kun hammaataa dhufnaan General Waaqoo Guutuu qawwee kaasuuf dirqaman. Maatii isaanii dhiisanii nama jaha woliin qawwee 7 qabatanii gaara Dunnuunitti diddaa gabrummaatiif bayan. Worri jalqaba isaan woliin bayan Kadiir Waariyoo, Muussaa Doyya, Huseen Abdurahman, Huseen Waaqoo Dhaddee, Aadam Jiloo, Roobaa Hindukko turan.Rakkinni Mootummaan Hayla Sillaasee ummata naannawa Madda Walaabuu irra geessaa ture yaroo irraa yarotti hammaataa waan dhufeef ummanni Oromoo naannawa kanaa hooganummaa Gen. Waaqootiin bara 1960 lolatti seene.Oromoon naannawa kana qubatuArsii, Boorana, Gujii bara dheeraaf rakkinna tokko malee naannawa kanatti ummata ollaa akka ummata Soomaalee wajjiin nagayaan jiraataa akka turan seenaan guututti addeessa. Haata'u malee bulchaan mootummaa yaroo sanii ummata addaan fageessee sirna isaa bal'ifachhuf jecha ilmaan abbaa tokko addaan baasuun akka ummanni faalla waldura dhaabate walfixuufii dhiiga waliidhangalaasuu gochuu danda'ee jira. Lolli lafa Magaaloo fi Titii Gurraachaa jedhamanitti ta'e ragaa hinbanne ta'ee argama.Kana booda ummnni naanawa Madda Walaabuu dameen Arsii lola deemaa jiru dhiibuun akka hindandahamne hubachuun nama muraasa filuun Somaalee dhaqanii akka qawwee barbaadatan murteesse. Namoonni gaafa san (1963 ) dalagaan kun itti kenname seena qabeeyyii manguddoota akka Haji Aadam Jiloo, Gen.Waaqoo Guutuu, J/Muhaammad Rubee, kkf. ta'uu seenaan ragaa baha. Haala kanaan qawwee yaroof harka namoota turte 80 walitti qabuun akka lolli falmannaa mirga ofii itti fufu godhame. Bakka huumni gahaan hinjirrettii qawwee guuramte keessaa 30 harkatti qabatanii qabsoo bara dheeraaf deemaa jirtu tana jalaqaban.Erga Soomaalee gahan booda gargaarsi akka godhamuuf gaafatan. Matootiin akka Haji Aliyyii Jaarsoo, Ismii Abbaa Washaa, Gen. Waaqoo Guutuu kkf. qawwee maqaan Dhoonbir jedhamu 40 qawwee Tomisa jedhamu 2 qabatanii milkii wajjiingama biyya ofii qajeelan. Diinni odeeffannoo argatee waan tureef, yaroo duraatiif lola seenanii Malkaa Amaanaatitti diina irraa loltuu 7 ajjeesan. Lola jalqabaa kanaratti diina cabsuudhaan injifannoon biyya seenan. Haalli kun ummata biratti gaaffii tokko malee simannaan fudhatamee waraanni babal'atee dargaggeessi baay'innaan hidhatee bira dhaabachuu irra gahe. Yeroo gabaabaa keessatti waraanni karaa sadihiin Gindhiir, Sidaamoo, fuula Dalloo fi Bidiree…kkf. finiine. Mootummaan Hayla Sillaasee, haalli waraana kanaa toohannaa isaa keessaa bahaa jiraachuu hubachuudhaan gargaarsa waraanaa alarraa (Ingiliizii, Israel, kkf.) ergifatee xayyaaraa fi loltuu lafarraatiin duula guddaa godhee miidhaa seena keessatti takkuu hindagatamne godhus Gen. Waaqoo fi Jaallan waliin bahan gootummaa isaanii diina dura dhaabatanii argisiisanii jiru. Bara 1964 keessatti ummanni qabsoo deemsifamaa jiru keessatti hirmaannaa ol'aanaa worra qabuu galatuu galchuuf sadarkaakenne keessatti Waaqoo Guutuu Generaalummaa muudaman. Generaal Waaqoo Guutuu goota Seenaa boonsiisaa ummata isaatiif dalageen aangoo Generaalummaa haala kanaan ummata Oromootiin muudame, Generaala ummata Oromoo ka jalaqabaa ta'uu seenaan ragaa baha. Lolli bara 1963 hooggannummaa Gen. Waaqootiin jalqabe kun maqaa 'Lola Baalee' ykn. "Lola Dhoonbir" jedhamuun ka beekkamu yoo ta'u hanga 1970 tti deemsifameera. Bara lola Dhoonbir kana keessatti magaalaa gurguddoo malee baadiyyaan Baalee humna ummataa kana jala galee ture.Hayla Sillaaseen, kana booda Oromoo irratti (keessattuu Oromoo Arsii irratti) biyya isaa keessatti nama isaatiifi Aadaa isaa irratti duula addaan hincinneitti fufe. Gaffiin mirga sabaa kan Gen. Waaqoo fi gurmoonni isaaniikaasan deebiin isaa dhuma maatii, loonii, qabeennaa adda addaati fi Oromoo Arsii maqaan biraa mootummaa Hayla Sillaasee biratti akka kennamuuf tahee olola daangaa hinqabne irratti deemsifamutti jijjiirame. Ka manahidhaatti ajjeefame fi kan manni itti cufamee ibiddaan gubame kuma kumaan laakkahama. Haata'u male gochaan diinaa kun harki caalaan itti dabalamee akka hidhatee gootota kana wajjiin diina ofirraa ittisu godhuu malee hamilee goototaa fi ummata isaan faanaa bayee waa takkalleecabsuu hindandeenne.Mootummaan Hayla Sillaasee, finqila ummata Baalee kana lola Amantii fi naannoo fakkeessuudhaan "Islaamni biyyakutee Sumaaletti galuuf" jedhee maqaa balleessaa ture. Hanga tokko itt'llee milkaayee jira. Dhugaa dha, lolli yookaan fincilli maaliif akka jalqabu yeroo hundaa beekkamaa dha. Akki itti jalqabu garuu haalli yeroo sanitti jiruu fi aanjaan (mijjoofni) kan irrati finqilame qabu finqila ummataa akka ofii barbaadetti hiikee dhiheessuu dandeessisee jira. Diddaan Gabrummaa Gen.Waaqoo Guutuu jalqaban kunMootummaa Hayla Sillaasee irrattibadii guddaa qabaachuu isaa Hayla Sillaaseen waan hubateef bifa kanaan dhiheessuun isaa ardha Oromoota hundaa biratti hubatamee jira.Gen. Waaqoo Guutuu goota gidiraa mootummaa Hayle Silaaseetiin cabsuun dadhabame. Hayla Sillaaseen huumna waraanaatiin cabsuu dadhabnaan tooftaa karaa biraatiin eegale. Mootummaa Tanzania (President Nerere) gargaarsifatee diina isaa kan yaroo dheeraa (Somaalee) waliin araarame. Akeekni araara kanaa gargaarsa Somaaleen Gen. Waaqoo Guutuuf gootu dhabsiisuu fi Gen. Waaqoon irratti dhiibbaa godhuu ture. Kana duwwaa otuu hinta'in:"Waaqoo, yoo ati hidhannoo hiikkachuu didde ummata kee xayyaaraan barbadeessina" jedhee ummatatti dhaadate. Kanahundaan erga yaalee dadhabee booda, Gurrandhala 1970 Oromoota Mootummaa Hayla Sillaasee keessatti hirmaatan kan akka Gen. Jaagamaa Keelloo fi kkf.meeshaa godhachuudhaan maqaa araaraatiin itti dhihaataniiyaroof toohannaa ija ofii jala galfatan.Gen. Waaqoo Guutuu goota goota caalu ta'uu isaanii jechootaa fi deebiin isaan haala kanaan booda gaaffii Hayla Sileesseetiif deebisan ragaa baha.Galiinsa kanarratti jechi Finfinnetti jedhame : "Sodaanne hingallee, qawwee dhabnee hingallee … isin (Oromo hafe) dabalachuu gallee" Gen. Waaqoo GuutuuDhuguma, Generaal Waaqoo Guutuu Hayla Sillaasee sodatanii hin-galle. Fakkeennaaf, gaafuma galanii Hayla Sillaaseen wal argan,yoo namni martuu, haga GeneraalJaagamaa Keelloon bahutti miila Hayla sillaasee jalatti kufee lafa dhungataa bakka ciisuu Generaal Waaqo'llee akkuma jaraa"mootichaaf" akka gadi jedhan hucuu (uffata) isaanii qabatanii ufitti gadi harkisan, General Waaqoo goota mataa gadi qabachuu didanii, ofiin boonaa, qoma isaanii dhiibanii Hayla Sillaasee uf jalatti gadi laalaa gaaffii Hayla Sillaaseen isaan gaafateef deebii kennaa turan :Hayla Sillaasee : Waaqo, maal rakkattee biyya alagaa deemtee mana keetitti ibidda qabde?Gen. Waaqo : Janooy, isin maal rakkattanii, Arsii woraanaa fi billawa irraa guuraa qalaa fixaa jettanii ajajjan?Hayla Sillaasee : Ani hin-ajajne. Kanaaf ragaa qabdaa?Gen. Waaqo : Ragaan ani isinitti lakkaahu Amaara malee hinjiru. Ragaan kiyya Dubbaa Diimaa (Dubbaa Diimaa bulchaa woradaature).Hayla Silaaseen waan ofii hojjate otuu beekuu deebiin Gen. Waaqoo waan faallaa itti taateef dubbii milquuf yaala isaa akanattiitti fufe:Hayla Sillaasee : Dubbaa Diimaa, eenutu si ajaje ?Dubbaa Diimaa : Tafarraa Mashaashaattu na ajaje.Hayla Sillaassee : Tafarraa, eenutusi ajaje?Tafarraa : Indalkachoo'tu na ajaje.Erga Gen. Waaqoo Guutuu Dalloo Manaatti galanii booda, Hayla Silaaseen Dallo deemee ture. Gen. Waaqoon irraa simannaa takkallee hin-arganne. Deebiin Gen. Waaqoo Hayla Sillaasseef deebisan, biyya tiyyarratti Abbaan biyyaa ana jedhanii ofiin boonaa dubbachuu Generaal Waaqoo ragaa baya : Hayla Sillaasee : Waaqo maaliif dhuftee nn hin laalin?Gen. Waaqo : Ani Mootii Dallooti. Ati mootii Shawaati(Amaara ati). Situ mana kiyyatti dhufe. Ati maana hinlaalle?Finqilli lola Baalee (1963-1974) ka Gen. Waaqoo hoogganan kufaatiiMootummaa Hayla Sillaasee ka bara 1974'f sababaa guddaa taye. Lolli Kutaa Baalee keessatti godhamaa ture kun Oromiyaa guutuu keessatti qotee bulaa, Barattoota, leenjitoota waraanaa fi ogeeyyii adda addaa hamilee kakaasee Qabsoo Bilisummaa Oromiyaa keessatti bifa hedduunakka hirmaatan taasise.Qoonni Gen. Waaqoo Guutuu kana qofatti hindhaabanne. Gen. Waaqoon, Mootummaa Dargii (Mengistuu Hayla Maariyam) fudhachuu diduun, bara 1976, yaroo lammataatiif Somaaletti deebi'uun akka waraanni haarayatti ijaaramu tattaaffi godhan. Sochooni yaroo kanaa nama kumaan hidhate akka biyyaseenu godhe. Seenaan lola kanaa LOLA SOWRA BOODAA jedhamee beekkama. Barri kun, bara Mootummaan Said Barree humna godhate agendaa Somalia guddittii ( greater Somalia) ijaaruu ka jedhu waan tayeef, Generaal Waaqoo Guutuu Adda Somale Abboo jedhamu jalatti akka hogganaman gafataman. Generaal Waaqoo Guutuu Adda Somale Abbo jedhu jalatti hin hoggaanamu jedhanii dinnaan, Mootummaan Said Barree GeneralWaaqoo Guutuu Mogadishuu keessa bahuu akka hin dandeenne itti himuudhaan, daangaa isaan tarkaanfachuu hindandeenne itti kennan. Haalli kun akka yaada kana fudhatan isaan dirqee jira. Keessattuu jiila fi muuxannoon shira Hayla Sillaasee(Arusha - Tanzaia) irraa argatan qabsoo isaanii itti fufuuf gargaarsi murteessaa ta'uu waanmirkaneesseef, tooftaa gaariin irra ooluun murteessa ture. Gargaarsa argatan kanaan 80% kibbaa Oromiyaa toohannaa isaanii jala galfachuu seenaan ragaa baha.Halli bara 1991 dhalate rakkoo Impaayerichaa karaa nagayaatiin furuuf waan hiree kennu waan fakkaateef mootummaa cehuumsaa keessatti qoda fudhatan. Hiree yaroo gabaabduuf argamte sanitti dhimma bahachuun ummata Oromoo caalatti qabsoof kakaasan. Waxabajjii, 1992 , tooftaa Tigreen ittiin ajjeesuuf mijjeeffatte harkaa bayanii, qabsoo Bilisummaa itti fufan.Gen. Waaqoo Guutuu hawwii tokkummaa qabsaawota Oromootiif qaban fiixa baasuuf ifaajee guddaa godhanii jiran. Manguddummaa fi hayyummaa qabaniin tokkummaan ijaarsota bilisummaa Oromiyaa (THBO) bara 2000 akka mirkanaawu godhanii jiran. Kabajaa fi Jaalala gootummaa isaaniitiin horataniinHAYYUU DUREE THBO ta'uun filatamanii dalagaa turan.Gen. Waaqoo Guutuu jireenna isaanii guutuu guyyaa tokkollee dadhabe-hifadhe otuu hin-jedhin ummata isaaniitiif osoo qabsaawanuu dhukkubsatan. Kanumarraa kan ka'een Gurraandhala guyya 3, 2006 akkayaroo Nairoobitti saa'aa 7:00 AM / ganamaatti bakka ilmaaniifii firoonni isaanii jiranitti mana yaala fayyaatti gama fuula Rabbii dabran.Qabsoon Gen. Waaqoo Guutuu Usuu wixinan qabsaawota hedduu hortee jirti.Har'a, finqila ykn. lola Baalee (Arsii) jechuu biradabree diddaa gabrumma Oromoo jechuun man-saba Addunyaa gahee jira. Wixinneen Gen. Waaqoo Guutuu wixinan seenaa ummata Oromoo keessatti kabajaa guddaa fi kan Oromoon guutuun ittiin boonu tahee dhaloota irraa dhalootatti dhaalamaa yeroo hundaaf jiraata.Generaal Waaqoo Guutuu goota rasaasni diinaa dadhabe ta'uu seenaan isaanii ragaa baha. Haalli uumaa irra oolee hawwiin firaa, jaallan qabsoo fi ummata Oromoobakka gahuu dhabullee, ummata Oromoo kan fayyaa Gen. WaaqooGuutuu waldhaansisuuf karaa hedduun nu bira dhaabbate galanni guddaan haa gahu. Wal-galatoomfac huun Aadaa ummata Oromoo waan ta'eef malee, goota ufii kabajuu fi waldhaannachuun dirqama hunda keennaatuu ta'uu ni hubanna.Hayyuu duree seenaa sooressaa qaamaan uf-maddii dhabuu keennaaf gaddi nutti dhagame kadaangaa hinqabne ta'uu ummata Oromoo guutuuf ibsaa, maatii isaanii, jaallan qabsoo fi ummata Oromoo guutuuf obsaa fi sabrii haa kennu jenna. Isaan ka jannataa haa godhu.Qabsoon Generaal Waaqoo Guutuu jalaqaban qabsaawaa kumaatama waan horteef ummanni Oromoo yaroo gabaabaa keessatti biyya isaa (Oromiyaa) bilisoomfatee kabajaan akka jiraatu mamii / bir'aa takkallee hinqabnu

Maaddii Seenaa




Hundee rakkoo keenyaa fi, haala qabtamaa yaroo

Kutaa 6ffaa


Seenaa Keessaa” Mootii Abbaa Jifaar “


Seenaan sochii addaan hin cinne tahuu waliin ,yaroo hundumaa seenaa waa,tu seenaa taasisaan waan mormii qabu miti ,seenaa tokko akka seenaa himuu ,barreessuu fi dhalootni walii kan dabarsu dandayu waa sadeen seenaa seenaa taasisaniin jechuun ( bakka ,bara fi humnoota keessatti argamaniin ) wal qabatee tahuu qaba ,argama keessatti seenaa dha ,jedhamee yoo kan himu ta,e ( bara akkanaa bakka akkanaatti ,wanni akknaa abaluun hojjatame )kan hin jedhamne hin jiru .


Guddiinni saba tokkoo seenaa keessatti gara jalaa irraa ol dhufa malee gubbaa irraa gadi hin dhufu ,tuuchaan ilma namaa hundi dursee ,haadha abbaa irraa warra tahee ,ganda tahee gosa tahee saba taha ,adeemsa akkanaa keessatti namni akka namaa dhalatu hedduu utuu tahuu,heduu keessa “ nama tokko “ waan adda isa taasisu qabatee dhalatuu ,caalaa waan adda isa godhu kana fi waan seenaa keesssatti inni hojjatuun malus oolchuu fi dhoowwuun akka hin dandayamne ,namoota seenaa keessatti argaman irraa ragaa hedduutu jira ,kunis kennaa uumaati ,dhalatee namni marti Mootii akka hin taane ,Mootii taheemmoo nama tokko akka hin jedhamne beekkamaa dha .


Seenaan guddinna ummata Oromoo ,sadarkaa kana keessa dabruun akka dhufe fi ,biras darbee namoota isa keessaa seenaan fideen ,yaroo seenaa tokko keessatti bulchiinsa mataa ufii fi, naannoo ufii mirkaneessuu caalaa ,” Mootii abalu “ jedhamanii ,biras kutanii sadrkaa Mootummaaleen isaanii walabni walitti dhufanii “ Mootummaa Shanan Gibee “ hundeessan takka gayuu seenaan ragaa dha ,kanneen seenaa kana hojjates akkuma namuu beekuu tokkeeyyii biyya baka bu,anii dha ,akka Oromoon jedhu “ tokkicha kuma caaluu dha “.


Mootummaaleen shanan Gibee jidduu laggeen Gojab ,Gibe fi Dhidheessaati dhalate kun mootummaalee Jimmaa ,Guuma, Gommaa ,Geera fi Limmuu irraa walitti dhufee ,shanan Gibee yoo hundeessu bara 1800 irraa kaasee hamma bara 1830 jidduutti tokkoomee ,hedduu dagaage kan badhaadhina qabeenyaan cimee ,uf biras darbee walitti dhufuunya daldalaa fi guddinaa,diriirsuudhaan Walloo Warra Hemanuu keessaan diriirfatee ,baha Oromiyaa Harariin walitti qindeeffatuun ,buufata Zeeylaa fi Taajuraa akka jaataneesse fi daldala Bunaa ,kan Warqee ,kan midhaan garaagaraa fi kanneen biraatiin akka beekkame seenaan himu namoota akkanaa tokkee jedhaman akka Abbaa Jifaar hangafaan jaaramtee dagaagdee turte .


Haaluma wal fakkaatuun dhiha Oromiyaa Mootummaan warra Jootee Tulluu , Leeqqaa Qeellam fi,warra Bakaree Leeqqaa Naqqamtee ,sadrkaa kam akka gaye fii adeemsa Confederation Oromoota dhihaa qindeessuu biras dabranii hamma ,biyya Oromoo bilisa fi Mootummaa Oromoo hundeessuuf ,namas barmoota fi dandeetti gayaa akka qaban ,obboleeyyan isaanii bahaa fi jidduu waliin qindeeffatanii bilisummaa Oromoof akka qophaawan xalayaa isaan Mana Marii Adduniyaa ( United Nation ) ti ergan fi ,Jootee Tulluu ,Noole Kaabbaa ,Waaccuu Dabaloo faan humna waraanaa ittisa jaaruu biras dabranii ,lola Somboo Darroo seena qabeessa dheeraa akka seenan beekkamu namoota guguddoo seenaa Oromoo duroomsanii dha.


Jiddu gala Oromiyaa Shawaa yoo ilaalles ,Mootummaan Tufaa Odaa fi warra Gunaa `haala wal fakkaata qabu ,dhalootuma isaanii fi gumaata naannoo kanaa , kanneen tahan akka Taaddasaa Birruu , akka fi Hagarii Tulluu …..fi kanneen biraalalleen tokkeeyyii kuma caalanii dha .


Naannoon Oromiyaa bahaa Harar ,jalqaba Jaarraa 16 irraa kaasee ,gara Mootummaa mataa ufii (Federeeshinii Afran Qalloo ) qabatuutti utuu deemaa jiruu ,gabrummaa alagaa Rauuf Pashaa bara 1875 irraa hamma bara 1885 irra turteen gufattullee ,gabrummaa Rauuf Paashaa fudhatuu dinnaarratti ,wal dura dhufeenya Rauuf Paashaan waliin tahe keessatti ,guyyaa tokko lubbuun hayyoota,hoggantota fi sabboontota Oromoo 60 caalaa wareegamuun seenaa duraa qabsoo farra gabrummaa keessatti bakka guddaa qabu seenaan galmeessee jira .


Baale keessatti warri daadhii Tarree ,Arsii keessatti warri Haaji Huseen Suudee ,Wallo keessatti warri Hemanoo kan Imaam Alii ,fi kan Ali Bulloo ,Boorana keessatti fi Garrii keessatis …eenyu eenyu akka tahe beekuu fi qooda isaanii seenaa Oromoo keessatti beekuuf kabajuun nu boonsa malee nun qaanyessutti amanna .


Haala akkanaa keessatti Mootileen Oromoo seena qabeeyyiin nama tokko utuun taane ,saba guutuu dha biyya guutuu dha jedhamuutu isaaniin mala ,waan diinni beekee itti fayyadamuu yaale tokko Oromoon wallaalee tuffachuun sirrii akka hin taane ragaa seenaa ,Wal dhabii Wacaalee kan Minilik fi Xaliyaanii lola Adwaa bara 1896 tahe irratti ,kan Minilik dursee gargaarsa gaafate Abbaa Jifaar yoo tahu ,kan dursee dides Abbaa Jifaar tahuu argina .


Seenaa biyya Oromoo keessatti bifa bulchiinsaa tahee ,qabsoo bilisummaan namoonni dhufanii dabran dursanii kan argaman bakka itti dhalatan yoo tahu ,seenaan isaaniilleen achumarraa eegala ,waan naannoo isaaniitti mudate fii tahantu dabree biyya gaya .


Akka seenaan Oromoo himutti ,guddinni ummata Oromoo sadrkaa Mootummaa Federeeshinaa gayee sadrkaa guddinna guutuu biyyaa ,tokkochoomsuutti utuu deemaa jiruu kiyyoo gabrummaa jalatti kufe ,kana hundatti geessuuf kan hojjataniif ,seenaa akkanaa wixinanii utuu bakkaan hin gayin dabruuf dhaloonni Oromoo kabajaa guddaan isaan yaadachuu qaba ,Waan barreessaan alagaa tokko Kitaaba Isaa Abbaa Jifaar jedhu keessatti tuqu laali !


Moti Abba Jifar I was the first king of the Gibe Kingdom of Jimma (reigned c. 1830–c. 1855). He was the son of Abba Magal, who was a leader of the Diggo Oromo.


Abba Jifar built upon the political and military base his father had provided him, and created the Kingdom of Jimma. As a result, in common usage Jimma was no longer referred to as "Jimma Kaka" but Jimma Abba Jifar.
Herbert S. Lewis credits him for many "many administrative and political innovations", despite the lack of specific historical evidence. According to oral tradition, he claimed the right to the extensive areas of the newly conquered land as well as virgin or unused land, which he used to reward his family, followers and favorites—and himself. "Abba Jifar built at least five palaces in different regions of Jimma."[1]

The historian Mordechai Abir notes that during his reign he fought with Abba Bagido the king of Limmu-Ennarea for control of the district of Badi-Folla in the years 1839–1841. This district was important for control of the caravan route between the Kingdom of Kaffa on one hand and the provinces of Gojjam and Shewa on the other. While the two kings negotiated a peace in 1841, and sealed the treaty with the marriage of Abba Jifar's daughter to Abba Bagido's son Abba Dula, the king of Jimma eventually conquered Badi-Folla (1847) and secured control over this important caravan route.[2]


Waan mormii hin qabne adeemsi seenaa ,gabrummaa Oromoo keessattis tahee bilisummaa Oromoo fi kanneen biraa keessatti kanumaan wal fakkaatuu isaati …akka seenaa gabrummaa Oromoo irraa arginetti gabroomfattoonni Habashaa dhufaa dabraan kan xiiyyeefatan ,dursanii hayyoota Oromoo ,Kutaalee Oromiyaa hunda keessa jiran fii irratti ture ,isaan kun qabatamnaan biyya qabatuun akka dandayamu beeku ,kanaaf ragaan Goobanaa Daaccee fudhatuu dandeenya ,Suuraa Abbaa Jifaar maxxanfatee ilma Oromoo deemu fi kan ittiin boonu arguu dandeenya ! argaas jirra ,Suuraa Goobanaa Daaccee maxxanfatee ilma Oromoo deemu hin argines !! hin arginus ,garaagarummaan seenaa nama tokkoo ! nama guddaa jimmaa Abbaa Jifaar jedhamee biyyi ittin beekkame ! inni kuunis nama tokkoo nama xiqqaa Goobanaa Daaccee ,kan biyya gurgure jedhamee maqaan ittiin beekkame …..itti fufna .



Maaddii Seenaa


Hundee rakkoo keenyaa fi, haala qabtamaa yaroo

Kutaa 6ffaa


Seenaa Keessaa” Mootii Abbaa Jifaar “


Seenaan sochii addaan hin cinne tahuu waliin ,yaroo hundumaa seenaa waa,tu seenaa taasisaan waan mormii qabu miti ,seenaa tokko akka seenaa himuu ,barreessuu fi dhalootni walii kan dabarsu dandayu waa sadeen seenaa seenaa taasisaniin jechuun ( bakka ,bara fi humnoota keessatti argamaniin ) wal qabatee tahuu qaba ,argama keessatti seenaa dha ,jedhamee yoo kan himu ta,e ( bara akkanaa bakka akkanaatti ,wanni akknaa abaluun hojjatame )kan hin jedhamne hin jiru .
Guddiinni saba tokkoo seenaa keessatti gara jalaa irraa ol dhufa malee gubbaa irraa gadi hin dhufu ,tuuchaan ilma namaa hundi dursee ,haadha abbaa irraa warra tahee ,ganda tahee gosa tahee saba taha ,adeemsa akkanaa keessatti namni akka namaa dhalatu hedduu utuu tahuu,heduu keessa “ nama tokko “ waan adda isa taasisu qabatee dhalatuu ,caalaa waan adda isa godhu kana fi waan seenaa keesssatti inni hojjatuun malus oolchuu fi dhoowwuun akka hin dandayamne ,namoota seenaa keessatti argaman irraa ragaa hedduutu jira ,kunis kennaa uumaati ,dhalatee namni marti Mootii akka hin taane ,Mootii taheemmoo nama tokko akka hin jedhamne beekkamaa dha .
Seenaan guddinna ummata Oromoo ,sadarkaa kana keessa dabruun akka dhufe fi ,biras darbee namoota isa keessaa seenaan fideen ,yaroo seenaa tokko keessatti bulchiinsa mataa ufii fi, naannoo ufii mirkaneessuu caalaa ,” Mootii abalu “ jedhamanii ,biras kutanii sadrkaa Mootummaaleen isaanii walabni walitti dhufanii “ Mootummaa Shanan Gibee “ hundeessan takka gayuu seenaan ragaa dha ,kanneen seenaa kana hojjates akkuma namuu beekuu tokkeeyyii biyya baka bu,anii dha ,akka Oromoon jedhu “ tokkicha kuma caaluu dha “.
Mootummaaleen shanan Gibee jidduu laggeen Gojab ,Gibe fi Dhidheessaati dhalate kun mootummaalee Jimmaa ,Guuma, Gommaa ,Geera fi Limmuu irraa walitti dhufee ,shanan Gibee yoo hundeessu bara 1800 irraa kaasee hamma bara 1830 jidduutti tokkoomee ,hedduu dagaage kan badhaadhina qabeenyaan cimee ,uf biras darbee walitti dhufuunya daldalaa fi guddinaa,diriirsuudhaan Walloo Warra Hemanuu keessaan diriirfatee ,baha Oromiyaa Harariin walitti qindeeffatuun ,buufata Zeeylaa fi Taajuraa akka jaataneesse fi daldala Bunaa ,kan Warqee ,kan midhaan garaagaraa fi kanneen biraatiin akka beekkame seenaan himu namoota akkanaa tokkee jedhaman akka Abbaa Jifaar hangafaan jaaramtee dagaagdee turte .
Haaluma wal fakkaatuun dhiha Oromiyaa Mootummaan warra Jootee Tulluu , Leeqqaa Qeellam fi,warra Bakaree Leeqqaa Naqqamtee ,sadrkaa kam akka gaye fii adeemsa Confederation Oromoota dhihaa qindeessuu biras dabranii hamma ,biyya Oromoo bilisa fi Mootummaa Oromoo hundeessuuf ,namas barmoota fi dandeetti gayaa akka qaban ,obboleeyyan isaanii bahaa fi jidduu waliin qindeeffatanii bilisummaa Oromoof akka qophaawan xalayaa isaan Mana Marii Adduniyaa ( United Nation ) ti ergan fi ,Jootee Tulluu ,Noole Kaabbaa ,Waaccuu Dabaloo faan humna waraanaa ittisa jaaruu biras dabranii ,lola Somboo Darroo seena qabeessa dheeraa akka seenan beekkamu namoota guguddoo seenaa Oromoo duroomsanii dha.
Jiddu gala Oromiyaa Shawaa yoo ilaalles ,Mootummaan Tufaa Odaa fi warra Gunaa `haala wal fakkaata qabu ,dhalootuma isaanii fi gumaata naannoo kanaa , kanneen tahan akka Taaddasaa Birruu , akka fi Hagarii Tulluu …..fi kanneen biraalalleen tokkeeyyii kuma caalanii dha .
Naannoon Oromiyaa bahaa Harar ,jalqaba Jaarraa 16 irraa kaasee ,gara Mootummaa mataa ufii (Federeeshinii Afran Qalloo ) qabatuutti utuu deemaa jiruu ,gabrummaa alagaa Rauuf Pashaa bara 1875 irraa hamma bara 1885 irra turteen gufattullee ,gabrummaa Rauuf Paashaa fudhatuu dinnaarratti ,wal dura dhufeenya Rauuf Paashaan waliin tahe keessatti ,guyyaa tokko lubbuun hayyoota,hoggantota fi sabboontota Oromoo 60 caalaa wareegamuun seenaa duraa qabsoo farra gabrummaa keessatti bakka guddaa qabu seenaan galmeessee jira .
Baale keessatti warri daadhii Tarree ,Arsii keessatti warri Haaji Huseen Suudee ,Wallo keessatti warri Hemanoo kan Imaam Alii ,fi kan Ali Bulloo ,Boorana keessatti fi Garrii keessatis …eenyu eenyu akka tahe beekuu fi qooda isaanii seenaa Oromoo keessatti beekuuf kabajuun nu boonsa malee nun qaanyessutti amanna .
Haala akkanaa keessatti Mootileen Oromoo seena qabeeyyiin nama tokko utuun taane ,saba guutuu dha biyya guutuu dha jedhamuutu isaaniin mala ,waan diinni beekee itti fayyadamuu yaale tokko Oromoon wallaalee tuffachuun sirrii akka hin taane ragaa seenaa ,Wal dhabii Wacaalee kan Minilik fi Xaliyaanii lola Adwaa bara 1896 tahe irratti ,kan Minilik dursee gargaarsa gaafate Abbaa Jifaar yoo tahu ,kan dursee dides Abbaa Jifaar tahuu argina .
Seenaa biyya Oromoo keessatti bifa bulchiinsaa tahee ,qabsoo bilisummaan namoonni dhufanii dabran dursanii kan argaman bakka itti dhalatan yoo tahu ,seenaan isaaniilleen achumarraa eegala ,waan naannoo isaaniitti mudate fii tahantu dabree biyya gaya .
Akka seenaan Oromoo himutti ,guddinni ummata Oromoo sadrkaa Mootummaa Federeeshinaa gayee sadrkaa guddinna guutuu biyyaa ,tokkochoomsuutti utuu deemaa jiruu kiyyoo gabrummaa jalatti kufe ,kana hundatti geessuuf kan hojjataniif ,seenaa akkanaa wixinanii utuu bakkaan hin gayin dabruuf dhaloonni Oromoo kabajaa guddaan isaan yaadachuu qaba ,Waan barreessaan alagaa tokko Kitaaba Isaa Abbaa Jifaar jedhu keessatti tuqu laali !
Moti Abba Jifar I was the first king of the Gibe Kingdom of Jimma (reigned c. 1830–c. 1855). He was the son of Abba Magal, who was a leader of the Diggo Oromo.
Abba Jifar built upon the political and military base his father had provided him, and created the Kingdom of Jimma. As a result, in common usage Jimma was no longer referred to as "Jimma Kaka" but Jimma Abba Jifar.
Herbert S. Lewis credits him for many "many administrative and political innovations", despite the lack of specific historical evidence. According to oral tradition, he claimed the right to the extensive areas of the newly conquered land as well as virgin or unused land, which he used to reward his family, followers and favorites—and himself. "Abba Jifar built at least five palaces in different regions of Jimma."[1]
The historian Mordechai Abir notes that during his reign he fought with Abba Bagido the king of Limmu-Ennarea for control of the district of Badi-Folla in the years 1839–1841. This district was important for control of the caravan route between the Kingdom of Kaffa on one hand and the provinces of Gojjam and Shewa on the other. While the two kings negotiated a peace in 1841, and sealed the treaty with the marriage of Abba Jifar's daughter to Abba Bagido's son Abba Dula, the king of Jimma eventually conquered Badi-Folla (1847) and secured control over this important caravan route.[2]

Waan mormii hin qabne adeemsi seenaa ,gabrummaa Oromoo keessattis tahee bilisummaa Oromoo fi kanneen biraa keessatti kanumaan wal fakkaatuu isaati …akka seenaa gabrummaa Oromoo irraa arginetti gabroomfattoonni Habashaa dhufaa dabraan kan xiiyyeefatan ,dursanii hayyoota Oromoo ,Kutaalee Oromiyaa hunda keessa jiran fii irratti ture ,isaan kun qabatamnaan biyya qabatuun akka dandayamu beeku ,kanaaf ragaan Goobanaa Daaccee fudhatuu dandeenya ,Suuraa Abbaa Jifaar maxxanfatee ilma Oromoo deemu fi kan ittiin boonu arguu dandeenya ! argaas jirra ,Suuraa Goobanaa Daaccee maxxanfatee ilma Oromoo deemu hin argines !! hin arginus ,garaagarummaan seenaa nama tokkoo ! nama guddaa jimmaa Abbaa Jifaar jedhamee biyyi ittin beekkame ! inni kuunis nama tokkoo nama xiqqaa Goobanaa Daaccee ,kan biyya gurgure jedhamee maqaan ittiin beekkame …..itti fufna .



MAADDII SEENAA

Kutaa 2ffaa


Biyya Masriitti baqatuun seenaa keessatti kan eegale dhaloota dura BARA 1800 Nabi Ibraahiim ( Abrahaam ) irraa yoo eegalu ,ittii aansee ilmaan ilma isaa Yishaaq ,Yaaquub fi Yuusuf ilma isaatiin harkifamee ilmaan ilmaanii Joolleen Israel ( Banii Israell ) dhaloota dura toora BARA 1700 irraa kaasanii hamma dhaloota dura toora BARA 1300 waggoota 400 biyya kana qubatanii eega turan boodaa sababii wal dhabbii amantiin wal qabateen Muusaa (Muse ) waliin biyyaa kanaa bahuun seenaa uf dandaye ture .
Haati Iyyasuus Mariyamis akkasuma nannoo biyya Isarel gadi dhiisuun baqatanii isiif Yusuf ,dugda harree irratti emala dheeraa deemuun Masri yoo dhufan ,Gudeelchi guddaan isaan jala qubatan ( boqatan ) “ Shajarata Al Azraa “ jedhamu asuma Kaayroo moggaa ( Eyna Shams ) waggaa 2000 turee kaluu kana bara 2010 dulloomee kufuun isaa ni yadatama .
Haalli Oromoo biyya Masriin walitti hidhu seenaa uf dandaye waan taheef yaroo biraa xiinxaluuf nuu haa buluu jechaa ,eega Oromoon nannoo Oromiyaa tuuchaan qubatu irraa biyya ollaattiin walitti dhufeenya eegale wanni Oromoof Masrii walitti fidaa ture fi jiru inni tokko amantaa tahuun dagatamuu hin qabu ,biyyaa Oromoo dureessa uumaa irraa garaa guuttatee galaanni tokkichi Suudaaniif Masrii obaasu laga Abbaa Yaa,aa ( Abbaay ) yoo tahu ,hundee burqaa isaa beekuuf Mootileen Masrii bulchan tokkolleen utuun yaadin hin hafne ,isaan keessaayis warri akka Hashabsuut ( Ashaaboo ) niitii Tuutmossis dhaloota dura nannoo bara 1400 Doonilee qorannoo fi daldalaa bobbaasuun ergoon isaanii hamma Buufata Zeeylaa fi ollaa Galaana diimaa fi Garba Hindii sakatteessuu caalaa biyya Oromoo keessaa galanii hamma Gaarri Daadimoos maqaa isaaniin yaamau gayanii turan .
Amantaan Kiristaanummaa biyya Gaafa Afrikaa seenuu waliinis ,bulchiinsa ol aanaa amantaa Kiristaanaa Orthodoksiif Mgaalaa El Exsedariyaa irraa akka gaafatama naannoo gaafa Afrikaa waggaa 1500 caalaa dhimmaa biyyoota Gaafa Afrikaa amantiin geggeessuu irratti hamma bara 1954 hoojatanii jiru .
Amantaa Islaamaas ilaalchisee akkasuma ,eega amantiin Islaamaa biyya keenya seene karaa amantiin irraan geggeeffatu tahuu caalaa ,karaa Hajjiif deemamu Xurreen Oromiyaa Suudaan Masrii Yanbuu Madiinaa asiin walitti banaa ture ,kana malees eega dhiibbaa jijjiirama Garba diimaa waliin Aksuum jaarraa saddeettaaffaa keessa kufte fi ,eega Mootummaan Banii Makhzuum toora jalqaba jaarraa saglaffaa Shawaatti dhaabbate fi Mootummaaleen Jabartii ( Walaasmaan ) moggaan daraarte boodaan gara waggaa 500 ti kalaayu barreessitoonni seenaa dhalootaan Masrii akka Al Miqrizii ,Al Masuudii fi Ibnu Fadilillaah Al Umarii waa,ee biyyaa Oromoo hedduu baratanii barreessanii jiru .
Haala baqattummaan ala ,barattummaanis ilmaan Oromoo hedduun Universitii biyya Masrii hangafa Al Azharitti eebbifamuu caalaa ,hangafoonn barattoota Oromoo warreen akka Sheikh Mohammed Rashaad Abdullee faanis akkamitti akka asitti baratan fi sadrkaa Presidentii biyyaa Jamaal Abdul Naasir irraa xalayaa ragaa argachuu akka gayan kaluu kana ilmaan Oromoo warreen keessa beekaniin surraa waliin gadi dhiifamee ragaa seenaa tahee jira .
Kanumaan wal qabatee mootummaan Jamaal Abdul Naasir ,barattoota Oromoo biyya Masrii cinaa dhaabbatuu biras dabree,yaroo sagalee Oromoo adduniyaatti dhageessisuuf Radiyoona baneefii ,dallansuu fi hanjabaa mootummaa Haylasillaasee Ingilizz fi Faransaan dirqamee cufes ,akkuma san tarsimoo dheeraa ummata Masriif Itoophiyaa keessatti jijjiiramni siyaasaa hundee kan Oromoon tooyatu jiraatuu qabaa jechuun Koloneel Jamaal Abdulnaasir ( Presidentii Masrii ) fi ,General Ebrahim Abuud ( Presidentii Suudaan ) Ministeera dhimma ittisaa Itoophiyaa General Mulugeetaa Bulii dhoksaan qunnamuun Lagni Abbaa Yaa,aa kan Oromoo waan taheef mootummaan Itoophiyaa Oromoo jalatti buluu qabaa amansiisuuf kakaasuu yaalanii turanii ,sababii hiccitiin kun dursee bahuutiin mootummaan Haylasillaasee General Mulugeetaa bakka biraatti jijjiiree ture .
Akkuma gubbaatti tuqne baqataan Oromoo biyya ollaatti kumaatamaan dhangala,uu kan eegale bara 1977 boodaa yoo tahu ,Masrii keessatti beekkamuun bara 2004 irraa tahee hireen qubsumaa xiyyeeffannaa kan argatteef ( Oromo Case ) kan dhugaan itti hojjatame bara 2009 boodaan ture .
Bara 2009- 2014 jiduu Oromoon hammam tokko biyya argatee akka asii deeme qorannaan karaa baqattoota Oromoo hin jiru yoo tahellee ,waliigala hiree wagaa 2000 UNHCR Masrii argatu keessa 10% baqattoota Itoophiyaa irraa dhufaniif yoo hiramu ,hireen dhugaa carraa biyyaa Oromoo case dhugaa 2.5 baqataa dhugaan baqataa taheef kenname, Oromo case sobaa 7.5 Oromoo sobaa ( Habashaaf ) kennama jechuu dha ,akka kanaan barootuma hireen hedduu hin jirre keessa bara 2005-2009 jidduu yoo xinnaate Habashoonni 5000 caalan Keezii Oromoon biyya Masriitii akka deeman amanama.
Proofeser Barbaraan duula cimaa baqataa Oromoo irratti kaafte keessaa inni guddaan ,baqataa Oromoo tahuuf Afaan Oromoo beekuun murteessaa miti ! jechuun dhiibbaa cimaa baqataa Oromoo irratti godhuu caalaa ,namni dhaloota Habashaa biyya kana dhufee bakka bu,aa UNHCR tahuun hiree biyyaa Oromootaaf dhuftu akka qancartu taasisuu yaalameera .
Haalli qabsoo baqattoota Oromoo addaan hin cinneen jijjiirame kun bara 2009 boodaa jijjiiramaa yoo dhufellee ,keessattuu Mohammad Al Dayrii fii Elesaabeet Tan dhimma baqataa Oromoo hundee irraa beekuun baqataa Oromoo cinaa dhaabbatuun jijjiiramni isaan UNHCR keessatti adeemsisan ilmaan Oromoo fi baqattoota Oromoo birattis kan dagatamuu miti .
Kana jechuun keenya UNHCR biyya Masrii Oromoo malee kan biraa fudhatuu hin qabu jechuu keenya miti ,kan jechuu barbaadnu fi kan dinnus rakkoon baqataa Oromoo hundeen gabrummaa sanyii irratti hundaaye tahuun kanneen biraatiin adda nu taasisaa dha .
Hubannaa kana irratti hundaayee ilaalchi jijjiramuu dhaan dhuma bara 2013 Muhammed Al Daayriin Gaaxeexaa Al Masrii Alyoom jettuun waliin haasaya godhaniin “ Baqataan Oromoo Masrii kan dhufu roorroo gabrummaa sanyii irratti hundaayeen yoo tahu ,baqataan Habashaa ( Amaaraa fi kanneen biraa ) kan dhufani gargaarummaa siyaasaa mootummaa Wayyaanee waliin qaban irratti hundaayeeti ! kanaafuu warreen Oromoo hin tahin himannaa isaanii kan dhaabbilee mormitootaa akka Giboot fi Qinijjit waliin wal qabate qabaachuu itti amanneerra “ jechuun dhugaa jirtu himan jechuu dha .
Barri 2013 seenaa qabsoo baqattoota Oromoo biyya Masriif tokkummaa keessat seena qabeessa tahuu caalaa ,kaabajaa guddaa fi waadaa dhugaa UNHCR Masrii irraa kan ittiin argannee dha .
Barrii 2013 yaroo duraatii sagaleen baqataa Oromoo guutuu adduniyaa keessatti kan dhagayame yoo tahellee akkuma san yaroo duraatii baqataan Oromoo Kaameraa dhoksaa basaasota Wayyaaneef kan itti saaxilame tahuu UNHCR mataan isaanii ni dubbatu ,akka gaafatamtuun olaantuun kun jedhanittii “ Rakkoo keessan hubanneerra ! isinummaan wal tahaa nutti koottaa malee nuti isin cinaa dhaabbachuu hin dhiifnu “ jedhanii turan .
Barri 2014 daranuu haala keessaa alaan dhiibamee baqataan Oromoo gara biyya Masrii kan itti dhangala,e yoo tahu haala heddummina baqataa Oromoo biyya Masrii bara 2013 nama 681 walitti yoo madaalle dachaa hedduun caaluu dandaya ,sababiin dhugaa baqataan Oromoo heddumminaan biyyarraa bahuu hundee rakkoo keenyaan ( gabrummaa ) walitti hidhaa qabaatuu caalaa ,baqataan Oromoo hiree Kaayroo dhufuu hin argatin Dooniin Galaana irraan baddee hamma Kooriyaa ,biyya Hindii New Dalhii fii Indooneesiyaa seenan jiraatuun qorannaa UN mataan isaa raga dha .
Haalli biyya Oromoo yaroo irraa yarootti UNHCR beeksifamuun kan irra jiraatu tahuu caalaa wanni isaan dhaamatanis “ yaroon yarootti haala biyyi Oromoo keessa jiru nu beeksisaa !! “ dha ture ,garuu beeksifamanii jiruu …..? itti fufna .


MAADDII SEENAA
Kutaa 4ffaa

Seenaan saboota adduniyaa keessatti argamanii hundi biyya itti jiraataniin yoo himamau ,lamatti addaan baafama ,inni duraa namni tokko biyya itti jiraatuuf “Biqila “ yoo tahu inni kuun ammoo “Galaa “ jedhama .
Akka Qeesoleen Habashaa ( Abbaa Bahree fi Alqaa Taayyeen ) barreessan ,yookanis akka Sheekkoleen Arabaa ( Arab Faqih fi Al Muhandis Fathi Geyth ) faan ,dhugaa seenaa tola humnoota waliin hojjataniif barreessan utuun taane ,seenaan ummata Oromoo yaroo ammaa sadarkaa ragaan dhaloota Oromummaa ( DNA )n ilaalamu gayee jira .
Oromummaa ilma Oromoo mirkaneessuuf Kitaaba eenyuu dubbisuu yookaan barreessuu utuu hin taane ,sadarkaa beekkumsi barmoota sanyii ilma namaa (Ethnology ) gaye irratti hundaayamee ,nama Oromoo tokko hancufa afaanii yookaan rifeensa qaama isaa tokkittii kutanii qorannaa DAN jala galachuudhaan Oromummaa isaa mirkaneessuu, biras dabree ,sadarkaa jijjiirama (Mutation) dhaloota keessa dhufes qoratuundhaan,haala adeemsa dheeraa aadaa heerumaa fi fuudhaa ,firaa alagaan wal makuu keessatti fakkeenyaaf (Guddifachaa ,fi Moggaafachaa ) dabalatee eenyu eenyu akka tahe beekuun dandayamu bira gayamee jira ,garagalcha (Mutation )fiixaa keessatti dhufu jiddu galaan abbaa 4 keessatti (Abbaa ilmaa akaakoo fi abaaboo irratti yookaan waggoota gara 200 ti kalaayan keessatti )firri tokko jijjiirama yoo fidu waggoota gara 4000 tahanii keessatti sabni tokko walirraa guddinna (fottoqa ) fida yoo tahu haaluma kanaan wal qabatee uumaa keessattis waggoota 12000 jijjiiramni naannoo akka dhufaa ture ,yoo dhufes dugda lafaa fi jireenya lubbuu qabeeyyii irratti jijjirama hundee akka fidaa ture fiduuf jirus ragaan seenaa hedduun jira .
Seenaan argama guddinna fi jireenya ilma namaa idileen ,sochii fi qubsuma ( movement and integration )irratti kan hudaaye tahullee ,akka ragaa qorannoo Archeology fi Anthropology ( seenaa seenaa duraa ,mallattoo sadarkaa guddinnaa fi qarummaa nama durii qoratuu ) irratti hundaayuun ,ummatoota adduniyaa hunda seenaa qubsumaa fi sochii , bakka lamatti baasanii qoratuun dandayamee jira ,isaanis akkuma namuu beeku ,Bikila biyyaa fi Galaa yookaan kanneen ( Aboriginal and settlers )jedhamanii dha ,kanaaf ragaa fagoo utuun deemne biyya (America ,Canada , Australia India )fudhatuun ni dandayamaa akeekuu caalaa ,ummattoota kana ( warra biyyaa )gara jabinaan fixuudhaan ,dhala balleessanii akka biyya itti dhalatan irratti laakkoofsaan gadi buan ,yookaanis mooraa naannoo keessatti dirqamanii jiraatan taasisuuf seenaan yoomiyyuu isaan gaafata .
Ragaan qorannoo DNA ummata Oromoo kanneen mallattoo E1.E2 fi E3 baatan,naannoo Oromiyaa waggoota 52,000 caalaa jiraachuu isaanii yoo mirkaneessu ,kanneen A1 baatan ammoo waggoota 35,000 caalaa nannoo isaannii jiraachuu mirkaneessa ,kun akka jirutti tahee qorannaan Anthropology akka mirkaneessettis argamni ilma namaa hndeenuu naannoo Oromiyaa Laga Awaash Malkaa Qoonxaree ,fi dhiibuu Hadar , tahee yoo xinnaate waggoota Miliyoona lamaan dabran keessa haallii adeemsa jijjiirama ( Evolution ) ilma namaa hudinuu asii eegaluun mormii bira dabree jira ,asirratti irraanfatamuu kan qabne akka qorannaa Geology mirkaneessu ,Kaarri Afrikaa (African Continent ) haadhoo Kaarrota hundaa tahuu fi Kaarroleen Amerikaa ,Awroophaa India fi Australia hundinuu waggoota Miliyoonii 200 dura ,irraa fottoquun akka jirutti tahee Kaaarri Afrikaa keessattuu Gaafa Afrikaa hundee dhaloota nama durii ( Hominid ) tahuu biratti haadhoo Kaarrolee adduniyaa tahuun beekkamti.
Kanas tahee Oromoon akka abbaa biyyaa nannoo kanatti kan jiraate kophaa isaa utuun tahin ummata oboleewwan isaa ,waliin dhalatee waliiniin jiraate seera guddina seenaa eeggatee waggoota 4000 dura irraa fottoqee dagaagina mataa isaa ( Afaanii fi aadaa ) ufiitii fooyyessuun akka sabaa adda bahuu eegaluun ummatoota Kuush (Kuush bahaa ,Kuush dhihaa kan jiduu fi Kuush Kibbaa fi Kaabaa ) irraa tokko waliin hadhaa mi,aa qoodamaa as gayuun dagatamuu hin qabu ,Kuush jechuun sanyii ilma namaa adduniyaa irratti argaman sadeen bifa halluu qaamaan wal foohan ,gurraacha adii fi boora ,yookanis akka ilmaan Nuuh ( Haam ,Saam ,Yaafis ) jedhamanii , bara Galaanaa ( Xuufaana ) boodaa (waggoota 7500 dura ) irraa kaasee sanyii ilma namaa adduniyaa irratti hangafummaan beekkamuu dha ,sanyiin Kuush kun bifa halluu qamaan hedduu kan hin madaalamne ,ummata gurraacha ,magaala fi diimaa keessaa gosa hedduu dabalata ,fakkeenyaaf naannoo Gaafa Afrikaa irraa , Oromoon ,Soomaleen Affaar ,Beejaa Saahoo,Agaaw Sidaamna ,Reendille ,Saakuyyee ,naannoo biraa akka Kaaba Afrikaa ,Amaaziig fi Barbar naanno,naannoo Asia ,Buluush Pakistaan irraa hamma gosoota Baha jidduu keessati fi Greek keessatti argamanii ,akkasumas gosoota Kibba dhiha Afrikaa keessa biyya Maalii ilmaan Kuush hedduun ,mallattoon DNA isaaniis hundi E1 fi E2 tahee argama .

Mootummaan guddoon Kuush ( Baabiloon ) waggoota 1200 caalaa turte daangaan biyya isii gama bahaa Graba Hindii ,gama Kaabaa Harraphaa ( India )ammaa ,gara Kibbaa biyya Libiyaa ,gama dhihaa hamma Anadool tahuun beekkamaadha ,hidda guddaa qarummaa fi mootummaa kana keessatti Oromoon qooda dhaloomaa biras dabree qarummaa guddaa biyya Masrii hundee bulchiinsa biyyaa Firoota jedhaman Hortee ykn (Dynasty 18 irraa hamma 22 ) waggoota 200 walittii aansanii bulchuu caalaa ,Giiftileen akka Tiyyaa faan haadha Aayyuu fi Ibsaa ilmaan Yuuyyaa akka tahaniif hundeen isaanii Giiftii biyyaa Tassite faan akka tokko tahee himama , Suudaanis akkasuma Qarummaa Kormaa (Karmaa ) irraa kaasee waggaa 1000 caalaa akka bulche fi Mootummaan Argi Amanii isa boodaa tahee ,humnoota Persia Roomaanii Greekiin itti wal dabramee lolamanis itti fufanii, bara 270 dhaloota boodaa ,sababii duula Eizaanaan kufuun isaanii, ragaan seenaa jiraachuu ,( Wonderful Continuity of North Eastern Black History ) yookanis ( March of Titanic ) fi ( The Wonderful Cushitic Empire of India ) dubbisuun ,waa hedduu hubatuu nama dandeessisa .
Abbaan biyyaa Oromoon kan naannoo biyya Kuushitti dhalates jiraates kophaa isaa utuun tahin sabootaaf sablammoota obboleewwan isaa (Kuushii ) waliin , seeraa adeemsa fi guddinna sabaa eeggatee , guddatee , fottoqee adeemsa guddinna ufii isaa uf dandaye naannoo isaa (Oromiyaa ) keessatti eegale jechuu dha ,kunimmoo adeemsa seenaa guddinnaa fi qubsummaa ummatoota Kuush keessatti balinaan waan jiru waan taheef ummata ollaa Oromiyaa keessaa Somaliyaan 62% Mallattoo E1 fi E2 ,kanneen baha Suudaan keessaa 45% Mallattoo A1 ( DNA ) Oromoon wal fakkaatu .
Kana malee saba fi sablammoonni Kibbaa hedduun ( gosa 54 keessaa 32 ) Mallattoo DNA Oromoon tokko tahuu caalaa ,walitti kalaayina aadaa fi afaaniin 40% ammallee adeemsa guddina seenaa keessatti utuu Oromoon addaan hin citin as gayanii jiru .
Seenaa seenaa duraa irraa kan baramu wanni guddaan ,haala qubsumaa fi godaansaa keessatti faana ilmi namaa hujiin dhiisee dabru akka Godaa akka Awwaalaa fii Siidaalee gurguddoo fi Gamoo tuulaa (Pyramids ) irraa ragaa argamuu dha.
Ragaan kanaa Siidaan Aksuum kan Tigroonni mallattoo Qarummaa Sa,baa jechuun seenaa waggoota 3000 ittiin himatan ,qorannaan kijibsiisu fi Siidaan kun kan ummata Kuush akka tahe fi Aksuum jechuun ( Akh shum) jechuu afaan Kuush duriitti ilmaan Kuush jechu akka tahe fi Siidaan kunis ,Siidaa Tuut Moosis guddaan dhaloota dura bara 1550 Masri keessaa( Dayr Al Balah ) dhaabee odeeffannoo fi gaabaasa haala lolaa waggoota 52 moohe keessatti Ashooriin waliin isa mudate itti barreesseen tokko tahuu fi hedduu wal fakkaachuun isaa Siidaan kun dhuguma kan ilmaan Kuush tahuu caalaa ,Sidaan (Soodduu ) 4 fakkii isaa bocamae , Madda Walaabuutti argamuu Kitaaba ( Oromo Wisdom ) keessatti balinaan odeffamee jira ,Tigroonnis mormuu yaroon isaa dabre .
Seenaan qubsuma lafaa ilma namaaf dheeraa yoo tahellee ,seenaan Goda irraa gara Gandaa jijjiiramuu waggoota 13,000 dura hin turre ,gandaan qubatuun ammoo naannoo ufii keessatti guddatuu fi dagaaguun waan wal qabateef ,seenaa ilma namaa kan “ Warraaqsa Qonnaa )jedhee warri akeeku jiru ,seenaan qubsumaa qonnaa fi horata saawaa kunis haala waggoota 5000 boodaan qilleensa adduniyaa irratti argameen akka warri Amantii jedhu (Xuufaan Nuuh ) fi akka warri seenaa uumaa fi naannoo (environmental Catastrophe ) jedhuun sanyiin lubbuu qabeeyyii lafarraa duguugamee dhumee ,haaraan eegaluun kana booda waggoottan 8000 dabaran keessa ture ,akka warri beekumsa seenaa uumaa himutti jijjiiramni uummaa biyya lafaa irratti argame kan as kaluu waggaa 7000 dura yoo tahu ,kan fagoo ammo bara Miliyoonii 69 dura tahuun rgaan jira.
Jijjiiramni inni gariin waggoota 12000 eeggatee biyya lafaa yoo rukuta inni kuun ammoo waggoota 200n naannayee , jijjirama seenaa ilma namaa irraatti geessa jedhu kuni egaa akka lola adduniyaa kan duraa fi kan lammataa lubbuu ilma nmaa Miliyoonii 200 balleessuuf sababii tahuu caalaa fuulli biraa hedduun irraa dhalate dhaabbilee gurguddoo akka UN akka NATO fi WARSO tahe ,kana waan taheef akka Dr Carl Sagan (NASA ) Kitaaba isaa ( The Universe life and Man ) jedhu keessatti himu ,haalli qarummaan adduniyaa amma itti tarkaanfataa jiru ,haala silaa itti deemuu qabuun ala yaroo 600 ariifatee ilmi namaa ,sadarkaa ufii isaa fii naannoo isaallee baleessee ,Mootummaaleen adduniyaa kuun kufanii ,gandaan wal fixuutti yoo hafan kuunis guddatanii ,gara tokkummaa deemuun sirni haaroyni (New World Order ) dhalata jedhu ,biyyoota diigamuun isaanii akka hin hafne 11 keessaa 4 Afrikaa keessatti yoo argamtu isiinis ( Itoophiyaa ,Soomaaliyaa ,Nayjeeriyaa ,fi Suudaan ) jedhameera ,Suudaaniif Somaaliyaa duruu bittinaayuu waan eegalaniif bira dabarree Itoophiyaan hoo maal keessa jirtii ? garam deemtii dhimma baqattummaa keennaan walqabsiifnee … haalli qabatamaa biyya keenyaa kan yaroo maalfakkaataa waliin UN hoo beekeeraa? Jechuu bulfannetti utuun dabarre …tana xumurra …itti fufna


MAADDII SEENAA
Kutaa 3ffaa

Dambaliin baqataa Oromoo gara biyya Masrii bara dabre 2014 kan biraan kan wal hin fakkaanne tahuun waan wal nama gaafachiisu miti ,akkasumas eenyummaan baqattoota kanaa keessa deemnee yoo ilaalle bifa walii gala ummata Oromoo ,Kutaalee hundaa Magaalaaf Baadiyaa Oromiyaa irraa ,umrii joollummaa waggaa tokkoo gadi irraa kaasee dubartii ulfaa ,haawwota umriin turan ,abbootii gandaa silaa kabajaan biyya isaaniitti sooramuu qaban ,shamarran fi dardaroota lafaa dhufaa jiran ,haawwolee joollee hedduu guddisantu keessatti argama .
Kana malee sdarkaa barmootaa fi hujii ogummaa heduu keessatti kan leenjian ,barattoota Universiitii fi barsiiftota sadrkaa guddaatti biyya fayydan ,Artistoota Oromoo beekkamoo fi jaallan qabsoon Oromoo gatii guddaa gaafatte uf keessaa yoo qabaatu ,adeemsi isaa madaalliin torbaanirraa Magaalaan Kaayroo baqataa Oromoo 50 yoo keessummeessitu dhuma bara 2013 irraa eegalee yoo xinnaate Oromoon 3000 caalu baatii 18 dabran keessa Kaayroo galanii jiraachuu asumaa xiinxaluu caalaa ,haala Waxabajjii bara 2013 tureen wal cinaatti yoo shallagamu ,harka hedduun dachaa dabaluu argina .
Kanaan waliin jiruun biyya Masrii qaalayuun gatiin jireenyaa dadhabsiisuun akka jirutti tahee hujiin dhiiraa dhabamuu fi kan dubartiis haal duree hedduu qabaatuun madda galii jireenyaa miidhaa dhufuun sadarkaa hawaasni biyyaa “ baqataan alagaa jiruu nutti qaalessaa jira “ jedhuun gayee ,haaluma kanaa wal qabateen Universiitii Kaayrootti wal gayii guddoo hirmaattonni 1000 ol irratti hirmaatan UNHCR fi dhaabbileen gargaarsa baqattootaa irratti hojjataniin Caamsaa bara 2014 qophaayee ,hamma tokko ilaacha hawaasa Masrii tasgabbeessuun yaalamee jira .
Waxabajjii bara 2014 irraa kaasee waliigalteen mootummaa Masriif UNHCR baqataa eenyummaan hin beekkamneef ( Passport ykn waan eenyummaa isaa mirkaneessu ) hin qabneef Kaardii utuun taane ,xalayaa adii kennuun waan eegaleef miidhamni maatii baqataa Oromoo fi tokkotokkoon gayaa jiru kana jedhanii dubbatuun nama dhiba .Xalayaan adiin tun gargaarsa biraa miti gara Karitaas tahee kanneenbiraan fudhatama waan hin qabneef yoo akka tasaa ,gaafii deebisaa I.O.M dabree gargaarsa yaroo hin arganne yookanis haala hatattamaan ergamee tajaajila fayyaa yoon argatin qabbana qilleensaa waliin jiruun baqataa Oromoo hedduu hadhaaya.
Bakka bullu dhabnee Masjiida bulla kanneen jedhan fii Koominitiin hundi guutee bakka ciifnu dhabnee kan himatan hedduu ..hedduu dha .
Bara 2013 irraa kaasee hamma tokko gargaarsa diinagdee Karitaas argatanii ,Guraandhala bara 2014 irraa kaasee gargaarsi diinagdee kan irraa murame ,maatileen ilmaan hedduu qaban fi ,dubartiin ulfaa dayinsaaf Gineen 100 isin gaya jedhaman ,dhibamtoonni siree irratti hafan fii kanneen dhukkuba turaa baatanii jiraatan silaa tajaajila argatuu qaban dhabanii kan jiruun rakkataa jiran bay,ee argina .

Haalli kun UNHCR beeksifameeraa ? gaafii jedhu deebisuu dura ,ufii keenyaa nuti Oromoon, haala dambalii baqataa Oromoo kana duubaan jiru beeknaa laata ? jechuutu dursa …baqataan Oromoo kan biraan maal addaan jira ? ,fakeenyaaf baqataan Habshaa akka baqataa Oromoo sanyiin duguugamee biyyarraa guyfama ? ,biyya keessummummaa ( asuma Kaayrootti ) walqixa rakkataa jirraa ? eenytu hujii Madaamotaa Viillaa walcinaa monopoliin qabtee jira ? hammam isaaniitu Karitaas dhaabatee ,MSF PSTIC jala booya ? gaafii jedhu xiinxallinee waan duubaan jiru fi duubaan ture waliin wajiin haasoynee ,baqataa Oromoof kanneen biraa akka Tigree fi Ertraa baroota 1962-1992 seenaa Gaafa Afrikaa keessatti wal cinaa qabna.
Baqattummaan yoo itti fayyadamuun barbaadame hammam takka bu,aa siyaasaa akka qabu seenaa beela naannoo Tigraay bara 1984 irraa maal barachuun akka dandayamu ragaa seenaa hedduu dhiheessuuf deemna ,yoo itti wallaalan garuu ( Oromo Case ) tahuu bira akka hin dabrre fi sunuu kan hatamu yoo tahu ,maaliif Keeziin Ertroota Tigrootaan hin hatamnee? Keessa deemnee hubanna .
Akkuma jennetti waan UNHCR beekuu qabu dura waan ufii keennaa waliin beekuu qabnu keessa baanee eega seenaa hedduu sakatteessineen boodaa “ waan seerajallise “ waliin wajjiin kaafnee gama UNHCR maal jennee ? maal dubbannaatti darbina …!